Victoria Legal Aid

Oromo/Oromoo

Oromo/Oromoo – Rakkoo seeraa akkamiin akka gargaarru.

Rakkoo seeraa akkamiin akka gargaarru

Odeeffannoon kun dachee Wurundjeri irratti kennamaa jira.

Odeeffannoon kun akka gaafa Amajjii 2022tti sirrii dha.

Rakkoon seeraa qalbii si mudduu, si yaaddessuu, si gaddisiisuu yookaan si aarsuu danda’a. Yeroo nu quunnamtu tarii akkasitti akka sitti dhagahamu ni hubanna. Rakkoo seeraa kee si gargaarra.

Rakkoo seeraa kee akkamiin akka nutti himtu

Waa’ee rakkoo seeraa kee nutti himuuf kara sadiitu jiran. Kan ati dandeessu:

  • Legal Help 1300 792 387 irratti bilbili.
  • Kara sararaa mar-sariitee irraan (webchat) nutti barreessi.
  • Waajjira keenya qaamaan kottu.

Of qopheessuuf, waraqaa rakkoo seeraa kee qabu hunda walittiqabadhu. Waraqaan dhimma adabbii yookaan xalayaa yookaan email mana murti, abbaa seeraa yookaan poolisii irraa barreessame tahuu danda’a.

1. Legal Help bilbili

Legal Help on 1300 792 387 irratti bilbiluu dandeessa.

Legal Help Wixata (Monday) hanga Jimaataa, ganama sa’aa 8gn (8am) hanga galgala sa’aa 6gl (6pm) banaa dha. Guyyaa Ayyaanaa cufaa dha.

Gatiin bilbila kan naannootti bilbilamuu waliin tokkuma.

Legal Help nama kamuu itti bilbilu ni simata.

Yoo Legal Help bilbilte tarii eeguu qabda. Yoo dandeesse dursii ganama bilbila.

Kara toora mar-sariitee (webchat) keenyaa tarii hariifatuu mala.

Afaan kiyyaan dubbatuu nin danda’aa?

Hojjetootni keenya afaan hedduu ni dubbatan. Yoo afaan kee hin dubbannu tahe, yeroo ati bilbiltu nama afaan siif hiiku siif qopheessina.

Afaan kee nuti dubbannu (Speak your language) as ilaali.

Namni deebisee naaf bilbiluu danda’aa?

Eyyee. Hojjetaan yookaan namni si gargaaru ati amantu nutti bilbiluu danda’a. Yeroo hojjetaan yookaan namni si gargaaru nutti bilbilu ati bira jiraatuun gaarii dha. Hojjetootni qajeelfama bilbila irraan itti himamu hordofuu qaban.

Tajaajila Irkoo Biyyaalessaa (National Relay Service) gargaaramuu nin danda’aa?

Eyyee. Filmaatota adda addaatu jiran:

Tajaajila Irkoo Biyyaalessaa (National Relay Service) osoo gargaaramuu hin eegalin dura itti galmeessamuu qabda.

2. Kara toora Mar-sariitee (webchat) nutti barreessi (Afan English qofa)

Waa’ee rakkoo seeraa kee hojjetoota keenyatti dhaamuuf toora mar-sariitee (webchat) , Dubbannaa Gargaarsa Seeraa (Legal Help Chat), jedhamu gargaarami. Hojjetootni keenya siif deebisu. Yoo gargaarsa dabalaa si barbaachise akka Gargaarsa Seeraa (Legal Help) bilbiltu tarii sitti himu.

3. Nutti kottu (Visit us)

Waajjira keenya nutti dhufuu dandeessa. Melbourne fi baadiyaa Victoria keessaa waajjiroota ni qabna. Wajjiroota eessaa akka qabnu (where we have offices) as ilaali.

Abbootii seeraatti dubbatuuf baallama qabatuu si barbaachisa.

Waajjirootni keenya iddoo mijjataa yookaan kan ittiin gulantaa ol bahan (lifts) ni qaba; tajaajila beyiladaa manaas jaallatuu dha.

Yeroo nu qunnamtu maal akka tahu

Gaaffilee si gaafanna. Kunis gargaarsa akkamii akka siif kennuu dandeenyu murteessuuf nu gargaara. Waan ati nutti himtu hundi hiccitiin isaa eegama.

Yoo ati ni dandeessu nuun jedhte malee waan ati nutti himte nama kan birootti dabarsinee hin himnu.

Rakkoo seeraa hedduu ni gargaarra. Gaaffii kee siif hin deebisnu yoo tahe, kan si gargaaruu danda’u nama kan biroo akka itti quunnamtu siif kennina. Kunis giddu-galeessa seera hawaasaa (community legal centre) yookaan abbaa seeraa dhuunfaa (private lawyer) tahuu danda’a.

Akkamiin akka gargaarru

Odeeffannoo seeraa fi gorsa

Waa’ee seeraa fi filmaata ati qabdu sitti himuu dandeenya.

Kan nuti tarii si gargaarru:

  • odeeffannoo siif erguu
  • baallama mana murti kee dura sitti dubbatuu
  • tajaajilaa fi gargaarsa kan biro waliin wal si qunnamsiisuu
  • xalayaa barreessuu
  • mana murti keessatti siif dubbatuu.

Kunis kan irratti hundaawu:

  • rakkoo seeraa kee
  • maallaqa hangamii akka qabdu.

Tarii gargaarsa dabalaa siif kennuu dandeenya yoo ati:

  • afaan English dubbatuu hin dandeessu yoo tahe
  • qaama hir’ina yookaan dhibee rakkoo mataa yoo qabaatte
  • Aboriginal fi/yookaan Torres Strait Islander yoo taate.

Nu waliin dubbatuu si gargaaruuf kan akka afaan hiikaa yookaan Tajaajila Irkoo Biyyaalessaa (National Relay Service) siif qindeessina.

Kara ati ana gargaara jedhteen si qunnamna.

Akkamiin akka odeeffannoo siif kenninu nutti himi.

Abbootii Seeraa Baallama Mana Murtii (Duty lawyers)

Abbootiin seeraa baallama mana murti keenya guutummaa Victoria keessa ni dalagan. Rakkoo seeraa takka takkaaf gargaarsa ni kennu.

Guyyaa baallama mana murtii abbaa seeraa hin qabdu yoo tahe tarii si gargaaruu danda’u. Yoo mana murtii deemta tahee fi abbaa seeraa hin qabdu yoo tahe abbaa seeraa baallama mana murti (duty lawyer) itti dubbatuu dandeessa yoo tahe mana murtii gaafadhu. Tajaajila kan biro si gargaarus itti dubbatuu dandeessa.

Sababa poolisiin seera cabsite jedhee sitti himeef Mana Murti Naannoo (Magistrate Court) deemta yoo tahe, osoo mana murtii hin deemin dura abbaa seeraa baallama mana murtiitti dubbatuu dandeessa.

Waa’ee Tajaajila Gargaarsa Guyyaa Mana Murtii Dursee (Help Before Court service) caalaatti as ilaali.

Yoo Mana Murtii Maatii (Family Law Courts) deemta tahe, osoo mana murtii hin deemin dursitee Tjaajila Gargaarsa Maatii fi Hawwannoo (Family Advocacy and Support Services) keenyatti tarii dubbatuu dandeessa.

Gargaarsa biroo

Rakkoo seeraa keetiif gargaarsa kan biros siif kennuu dandeenya.

Yoo ati wallaansa fayyaa mataa barbaachisaa tahe qabda tahe Hawwannoon Fayyaa Mataa Walaba (Independent Mental Health AdvocacyExternal Link ) si gargaaruu danda’a.

Tjaajila Gargaarsa Maatii fi Hawwannoo (Family Advocacy and Support Services) keenya warraa fi kunuunsota firrisoo (primary carers) kan sirna ittisa ijoollee sadarkaa jalqabaa keessa jiran gargaaruu danda’a.

Yoo ati fi jaalalloon (partner) kee waliin adda baatanii jirtan tahe, Tajaajilli Furmaata Waldhabbii Maatii (Family Dispute Resolution Service) waltahiinsa irra akka geessaniif si gargaaruu danda’a. Fakkeenyaaf, nama ijoollee guddisu.

Odeeffannoo caalu waa’ee rakkoo seeraa kee

Rakkoo seeraa hedduu irratti mar-sariitee (website) keenya odeeffannoo baay’ee qaba.

Mar-sariiticha ofitti butte (zoom in) yookaan fuul-dubbistuu (screen reader) akka siif mijjatutti dubbisuu dandeessa.

Odeeffannoo saphlaatti dubbisamu yookaan afaan kiyyaan ni qabdaa?

Mata-duree seeraa irratti afaan gara garaan kan barreessamee fi saphlaatti kan dubbisamu kitaabishee (booklet) takka takka ni qabna.

Kitaabishee (booklet) keenya fuul-soqa (catalogue pageExternal Link ) kana irra barbaaduu dandeessa.

Maxxnsaalee (publications) keenya dubbisuuf fuul-dubbistuu (screen reader) gargaaramuu dandeessa.

Beekamtii (Acknowledgement)

Barruu kana Gartuu keenya kan Muuxannoo Waliif Qooduu, Tumsaa (Shared Experience and Support) fi Muuxannoo irraa Dubbatuu (Speaking from Experience) keenyatu barreesse.

Disclaimer: The material in this print-out relates to the law as it applies in the state of Victoria. It is intended as a general guide only. Readers should not act on the basis of any material in this print-out without getting legal advice about their own particular situations. Victoria Legal Aid disclaims any liability howsoever caused to any person in respect of any action taken in reliance on the contents of the publication.

We help Victorians with their legal problems and represent those who need it most. Find legal answers, chat with us online, or call us. You can speak to us in English or ask for an interpreter. You can also find more legal information at www.legalaid.vic.gov.au

Reviewed 20 May 2022

In this section